Waldaa Masarata Kiristoos
Waldaan Masarata Kiristoos Gafarsaa Buraayyuu waldaa Kiristaanaa mootummaa Waaqayyoo babal’isuuf, Waaqayyoon waaqeffachuu fi hawaasa tajaajiluuf hundeeffame dha.
Mul’ata
👉 Humna Hafuura Qulqulluutiin Wangeela Kiristoos lallabaa, mootummaa Waaqayyoo babal'isuudhaan waldaa kiristaanaa ergamaa (mishinarii) ta'uu.
Ergama
👉 Wangeela namoota hundatti dhugaa bahuu, warra amanan barsiisee duuka-buutota Kiristoos akka ta'an gochuu.
Duudhaalee
📢 Jireenyaa fi tajaajila Kiristoos irratti xiyyeeffate
📢 Wal jaallachuu
📢 Tajaajiltummaa
📢 Nageenya guutuu (hunda hammataa)
📢 Amanamummaa fi itti gaafatamummaa
📢 Hirmaannaa fi hirmaachisummaa
Seenaa Waldaa (History)
Waldaan Masarata Kiristoos Gafarsaa Buraayyuu hojii waaqeffannaa fi barsiisa Macaafa Qulqulluu babal’isuuf hundeeffame. Jalqaba irraa kaasee waldaan keenya namoota hedduu gara amantii fi jireenya Kiristaanaa dhugaatti fiduuf hojii guddaa hojjechaa ture.
Waldaan keenya waggoota darban keessatti guddina argachuun sagantaalee waaqeffannaa, kadhannaa, barsiisa Macaafa Qulqulluu fi hojii hawaasaa bal’inaan gaggeessaa jira. Har’as hojii mootummaa Waaqayyoo babal’isuuf kutannoon hojjechaa jira.